Garaagarumma foyyeeffata "Cedhedha" gidduu
Gara kallatti ce'i
Gara barbaadutti ce'i
imported>Afaan oromoo guddisii bNo edit summary |
(Garaagarummaa hin qabu)
|
Foyyeeffata reefuu hanga 08:57, 10 Muddee 2023

Cedhedhni meeshaa huruffawaa(elastic), akkaataa adda addaatiin sibiilaa irraa hojjetamee fi anniisaa kuusuu fi gadhiisuu danda'uudha. Innis haala summuugamuu (walitti dhiibamuu) ykn diriirfamuu danda’uun kan bocame yoo ta’u, yeroo humni sun baafamu gara boca isaa isa jalqabaatti ni deebi’a.
Fiizikisii keessatti

Seera Hook
Akka seera Hookiitti, cedhadhni tokko dheerina uumamaa isaa irraa fageenya x yoo diriirfame ykn summugame, humni harkisaa ykn dhiibaan cedhedhichi oomishu x waliin walmadaala. (Seerri kun meeshaalee dandeettii dhifamuu isaanii sadarkaa dhoqonaawaa(plasticity) irra hin gahiniif hojjata) Kanaafuu seerri kun yeroo herregaan barreeffamu
Yoom ta'u
- F humna cedhedha irratti hojjetamuudha. k Cedhedha dhaabbataa, safartuu faxama(stiffness) birraa ti.
- x qaxxaamura (diriirsuu ykn summuguu) bakka walmadaalummaa cedhedha irraa argamu dha.