Ariitii

testwiki irraa
Keessa deebiin kun gaafa 16:41, 7 Adooleessa 2023 imported>Afaan oromoo guddisii irratti (Created by translating the page "ፍጥነት")
(gargar) ← Foyyeeffata duraani | Foyyeeffata reefuu (gargar) | Foyyeeffata daran haaraa → (gargar)
Gara kallatti ce'i Gara barbaadutti ce'i

Ariitiin qaama safaramaa fiizikaalaa qaamni tokko kallatti murtaa’e tokkoon hammam saffisaa akka adeemu kan ibsuudha. Ariitiin jijjirama qaxxaamuraa yeroo yuunitii tokko keessatti taasifamuudha. Kunis hima walqixaan.


Unkee herregaa Aritiin waliigalaa wanta tokkoo safaruuf itti fayyadamnu:

𝐯¯=Δ𝐱Δt.
  • v¯ -- Aritii waliigalaa bakka bu'a
  • Δ𝐱 Jijjiirama Qaxxamuraa (fageenya + kallattii) wanta sanaa bakka bu'a
  • Δt Jijjiirama ejjennoo kana raawwachuuf yeroo fudhate bakka bu’a.

Ariitii giddu-galeessa(Vav): Ariitiin jiddu-galeessaa hirama qaxxaamura dimshaashaa yeroo dimshaashaa itti fudhateeti.

𝐯𝐚𝐯¯=Δ𝐱Δt.

Yuuniitiin waaltawaa saffisaa fi ariitii m/s ta’a. Akkuma fageenyaa fi qaxxaamuraa, saffisaafi ariitiinis hariiroo qabu. Kunis Ariitii = Saffisa kallattii qabu Sochii daandii sirrii keessatti ariitiin kallattii malee yoo ibsame saffisa ta’a jechuudha. Sochii walfakkaataa daan

dii sirrii keessatti ariitiin dhaabbataadha.Template:Xinnoo